Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy turtii Kaampalaa xumuruun gara Itiyoophiyaatti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad turtii Ugaandaa Kaampaalaatti taasisaan xumuruun gara Itiyoophiyaatti deebi’aniiru.

Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 19ffaa Sosochii Biyyoota Walabaa Ugaandaa Kaampaalaatti gaggeeffamaa turerratti hirmaataniiru.

Dooktar Abiy Yaa’icharratti haasawaa taasisaniinis, biyyoonni karra galaanaa hinqabne gaaffii misoomaa ummata isaanii deebisuuf, sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuu fi qormaata isaan fuulleffatu furuuf rakkachaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaanis Itiyoophiyaan qormaataa akkanaa keessa darbuuf furmaata karaa nagaa fi marii faayidaa waloo mirkaneessuu barbaaduu akka itti fuftu ibsan.

Kana malees Dooktar Abiy Pireezidaantii yaa’ichaan cinaatti Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin dhimmoota naannawaa fi gamlameeniirratti mari’ataniiru.

Bifuma walfakkaatuun, Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Siriilaankaa Raanil Wikarmeesiingi waliin marii gama lamee taasisaniiru.

Marii isaaniin, hariiroo daldalaa fi dhimmoota damee hedduurratti walta’iinsaa jiru sadarkaa caalutti guddisuuf qophii ta’uu mirkaneessuu ibsaniiru.

Pireezindantii Baankii Misoomaa Afrikaa waliin marii gaggeessaniiniis walta’iinsi Itiyoophiyaan Baankicha waliin qabdu, tattaaffii birmadummaa nyaataa taasisaa jirtuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.