Fana: At a Speed of Life!

Adde Sa’aadaa Abdurraahmaan ergaa baga ittiiniisni gahee dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaniin, ayyaannchi kan milkii, nagaa, gammachuu, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’uu hawwiin qaban ibsaniiru.

Guutuun ergaa isanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Ayyaanni Cuuphaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti, guyyaa Kiristoos itti cuuphame yaadachuuf ayyaana waggaa waggaan kabajamu, ayyaana jallatamaafi hawwii guddaan eegamudha.

Kiristoos, Laga Yordaanositti sirna cuuphaa kana wayita raawwatu, cubbuu namootaaf dhiifama, biyya lafaarrattis nagaan, araarriifi jaalalli akka dagaagu, fakkeenya rabbiin kan uumame dhalli namaas amantaafi sabaan osoo wal hin qoodiin tokkummaan walitti firoomee, waliif gaachana ta’uun akka waliin jiraatu taasisuun qabatamaanis mirkaneesse.

Hariiroon obbolummaa waliif qabnu kan itti jabaatu, ol bahee mul’atuufi dagaagu, sonawwan aadaafi safuu ummanni keenya dhalootaa dhalootatti gabbifachaa dhufes haala qabatamaa qaroomina ummata keenya kaleessaafi har’aan karaa walsimuu danda’uun cimaafi ijaaramaa kan har’a gahedha.

Daandiin guddinaafi badhaadhinaa bu’aa ida’ama ummattoota biyya keenyaatiin mirkanaa’a.

Milkaa’ina kanaafis, tokkummaa keenya jabeessuun biyya gootummaa, qaroominaafi uumama dhala namaaf bu’uura ta’uun beekamtuufi fakkeenyummaa addunyaarratti gama hundaan qabdu itti fufsiisuun maqaa gaarii biyyaafi naannoo keenyaa ijaaruun hojiiwwan hanga har’aatti hojjenne agarsiiftuu tokko yommuu ta’u, ammallee caalmaan hojjechuu nu gaafata.

Diinonni guddina keenya hin barbaannes shirri adda addaa isaan dalagan tumsa ummata keenyaan kan fashalaa’uufi hojii qindoominaan hojjennuun eenyummaa keenya kaleessaa deebisnee dhaloota har’aan ijaaruuf hojii keessa jirra.

Injifannoofi milkaa’inoonni hanga ammaatti argannes danuudha.

Kunis, hawwii waan qabnuuf qofa kan dhugoome osoo hin taane, waan dubbanne taanee, waan karoorsine hojjennee, waan ummata keenyaaf waadaa galle ammoo qabatamaan raawwannee, qe’ee isaa keessatti bu’aa qabatamaa lakkaa’uu akka danda’u taasisuun injifannoo argamedha.

Qormaatilee nu mudatan hunda carraatti jijjiiruun fuulduratti tarkaanfachaa akkuma har’a geenye, borus injifannoowwan keenya kunuunfachaa, hirmaannaa ummata keenyaan dabaallee jabaannee hojjennee mul’ata badhaadhinaa mootummaan keenya ummata isaa waliin qabatee hojjechaa jiru galmaan gahuuf kutannoo olaanaan hojii jalqabne itti fufsiifna.

Biyya tokko qabna; biyya waliin qabnu kana ammoo waloon ijaarree sadarkaa hundatti dorgomaa taatee akka mul’attu taasisuuf qoodni dhaloota har’aa olaanaadha.

Ummanni keenyas, kana hubatee sagalee isaa gati jabeessa ta’een akka isa tajaajilluuf hiree waan nuuf kenneef, abdiifi amantaa ummanni nurraa qabu kana baannee aantummaafi quuqama olaanaan ummata keenya ni tajaajilla.

Caffeen Oromiyaa, hojii bakka bu’ummaa ummataa hojjechuun, fayyadamummaa lammiilee isaa mirkaneessuuf yeroo kamuu ciminaan hojjetee aantummaa qabu ni mirkaneessa.

Keessaahuu, tarsiimoo mootummaan qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf dameewwan misoomaa hundarratti bu’aan qabatamaan galmaa’ee jiruufi jireenyi ummata keenyaa akka fooyya’uuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetaa jira.

Galmoonni milkaa’ina keenyaa hirmaannaa ummata bal’aan utubamee injifannoowwan kaleessa galmeessine, hojii keenya boruuf galtee guddaa taasifannee, guddina biyyaafi naannoo keenyaa saffisiisuu akka qabnu carraa kanaan dhaamsa koo dabarsaa, ayyaanni kun kan milkii, nagaa, gammachuu, jaalalaafi badhaadhinaa akka isiniif ta’uu hawwiin qabu ibsaa, irra deebi’uun, Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan geessan!

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.