Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Saa’udii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Ministira Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa Fayisal Biin Farhaan Alsa’udii waliin mari’ataniiru.

Fooramii Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaandi Daavoositti gaggeeffamaa jiru cinaatti haala yeroo fi hariiroo gamlameerratti mari’ataniiru.

Qabiinsa mirga lammiilee irratti kan mari’atan yoo ta’u, dhimmicharratti biyyoonni lameen walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka qaban mari’achuu ragan Ministeera Dhimm Alaarraa argame ni mul’isa.

Dameewwan garaagaraanis hariiroo gamlamee cimsuufis walga’ii komishinii waloo gaggeessuuf waliigalteerraa ga’uun himamera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.