Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan BRICS irraa faayidaa argachuuf qofa utuu hintaane dirqama ishee bahachuuf kutannoo qabdi-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan BRICS irraa faayidaa argachuuf qofaaf utuu hintaane dirqama ishee bahachuufis kutannoo qabdi jedhan Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.

Addunyaan wiirtuu dameewwan hedduu ta’aa dhufuun, gahee humnoonni giddugaleessaa qabnirratti mariin paanaalii xiyyeeffate Yaa’ii Fooramii Diinagdee Idil Addunyaa cinaatti gaggeeffameera.

Marii Paanaaliichaarratti Obbo Dammaqa Mokonnin, waa’ee BRICS’tti miseensa ta’uu Itiyoophiya, waa’ee sirna Idil Addunyaa fi gahee Afrikaarratti yaadaa qoodaniiru.

Nageenyaa fi diinagdee idil addunyaaf gahee murteessaa kan qaban keessaa Afrikaan tokko ta’uu himaniiru.

Nageenya, hanqina teeknooloojii, faayinaansii, mancaatii bosonaa fi hongee jijjiiramni qabeenya qilleensaa hordofsiisaa jiru gufuulee Afrikaa ta’anillee, ardittiin carraalee qabdutti fayyadamuun yeroowwan darban guddina fooyya’aa argisisaa jirti jedhan.

BRICS sirna idil addunyaa diriirsuuf, hanqina faayinaansii hambisuu fi hawwattummaa invastimantii alaa guddisuuf carraalee haaraa uuma jedhan.

Dandeettiiwwan guddina kanneenii fi tuma misoomaa haaraa waan argamsiisuuf Itiyoophiyaan gamtichatti makamuuf sababa akka ta’e kan kaasan Obbo Dammaqaan, hojiilee misoomaa kanneen haala fooyya’aan raawwachuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan BRICS irraa Faayidaa argachuuf qofaa utuu hintaane dirqama irraa eegamu bahachuuf kutannoo qabdi jechuun dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.