Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haroomsa hojiirraa oolmaa Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaaf gahee olaanaa qaba-Obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Hidhi Guddicha Haroomsa Itiyoophiyaa xumuramuun damee inarjiin dandeetti olaanaa taa’uun hojiirra oolmaa Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaaf gahee olaanaa akka qabu Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokoonniin ibsan.

Obbo DammaqaanFooraamii Dinaagdee Addunyaa cinaatti walga’ii hojiirraa oolmaa Naannawaa Daldalaa Bilisaa Afrikaa Siwizarlaanditti gaggeffameerratti hirmataniiru.

Naannawaan daldala bilisaa Afrikaa walitti Hidhaamiinsa biyyoota Afrikaaf faayidaa olaanaa qabaachuu Obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Damee inarjiin Hidhi Haroomsa xumuramuun humna guddaa akka ta’u kaasuun, hojiiraa oolmaa naannawaa daldalaa bilisaa gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.