Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin gamaaggama raawwii baatiiwwan 6 Paartii Badhaadhinaa xumurame

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Waltajjiin gamaaggama raawwii baatiiwwan 6 Paartii Badhaadhinaa guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumurameera.

Sagantaa xumura waltajjicharratti Pireezidaantiin Ittaanaa Paartichaa Obbo Adam Faaraah, milkaa’ina hojii fuuldureef dandeettii uumuuf qajeelfama kennuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

Gabaasaalee dhiyaataniin hanqinaaleen raawwii mul’atan akka sirratan, qabxiiwwan akka ciminaatti kaafaman daran cimanii akka itti fufan, qabeenya naannolee garaagaraatti argaman haala gurmaa’een akka faayidaaf oolfaman, hoggansi ummata hirmaachisuun socho’uu akka qabu waltajjichaan ilaalamuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.