Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Sabaaf Sablammoota 18ffaa seennessiin Itiyoophiyummaa Olaanaan kan irratti calaqqisifameedha-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC) –Guyyaan Sabaa fi sablammoota 18ffaan Seennessi Ityoophiyuumma kan irratti calaqqisifamee ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaawu Tashaagar ibsan.

Qaamolee guyyaan Sabaaf Sablammoota 18ffaa milka’inaan akka xumuramuuf deeggarsa taasisaniif sagantaan galateeffannaa fi beekkamtii kennuu gaggeeffame.

Saganticharratti Afyaa’iin Mana Marichaa Aganyaawu Tashaagar hasaawaa taasisan, guyyichi heddumminaan walqixxummaa fi tokkummaan kabajamuu dubbataniiru.

Guyyichi haala Sabdaneessummaa Itiyoophiyaa mul’isuun, seennessiin Itiyoophiyuummaa olaantummaan kan irratti calaqqisifame ta’uu Obbo Aganyaawu kaasaniiru.

Ayyanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf caasaa nageenyaarraa eegalee qamoolee deeggarsa taasisan hundaa galateeffachuun, hojiilee Nannnoon Somaalee ayyanicha kabajuuf hojjetes dinqisiifataniiru.

Saganticharratti Obbo Aganyaawu Tashaagar, Itti Aantuu Afyaa’ii Zaharaa Umaad, Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxaafee Mahammad fi keessuummonni biroon argamaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.