Fana: At a Speed of Life!

Mata dure “Adwaa Ijaarsa Mootummaa Cimaaf” jedhuun fooramiin sosochii biyyaalessaa eegale

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Mata dure “Adwaa Ijaarsa Mootummaa Cimaaf” jedhuun fooramiin sosochii biyyaalessaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanootti eegaluu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Kaayyoo fooramichaarratti Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Kayiraddiin Tazarraa ibsa kennaniin, injifannoo abbootiin waraana Adwaarratti galmeessan tokkummaa fi waloomaan kaayyoo tokkoof waloon dhaabbachuuf akka ta’e eeran.

Biyya nagaan ishee mirkanaa’e ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti qaamolee gahee olaanaa qaban keessaa dhaabbileen barnoota olaano tokko ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan Ministeera Barnootaa waliin ta’uun mata duree “Adwaa Ijaarsaa Mootummaa cimaaf” jedhuun hanga Guraandhala 21, 2016’tti fooramichi eegaluu himuu TOI gabaaseera.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Obbo Koorraa Xushnee gama isaaniin, akka biyyaatti dhimmoota garaagaraarratti karaa nagaan mari’achuu hawaasa filatu uumuuf, hirmaannaan dhaabbilee barnoota olaanoo murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf Injifanno Adwaarraa barachuun gufuulee biyyattii yeroo ammaa qoraa jiran furuuf mari’achuun furmaata kaa’uu qabna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.