Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaandi hariiroo isaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)–Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Siwiizarlaandi Ignaasiyoo Kaakis waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii hariiroo biyyoota lameenii guddisuu fi waltajjiiwwan tumsa hundagaleessaa jiru cimsuu haalota dandeesisanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Obbo Dammaqaan, hariiroo biyyoota lameenii gama diinagdee fi siyaasaan jiru sadarkaa olaanaatti guddisuuf yeroo gaarii ta’uu dubbataniiru.

Immamataa diinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirturratti Obbo Dammaqaan ibsa kennaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.