Fana: At a Speed of Life!

Ataasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraaf haala yeroorratti ibsi kenname

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Ataasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa teessoon isaanii Finfinnee fi Bakka Bu’ootaa Dhaabbilee Deeggarsaa Namoomaarratti bobba’aaniif hojiilee hojjetaman ilaalchisee ibsi kennameera.

Ibsii fi gabaasni dhiyaates hojiilee bara faranjootaa darbee hojjetaman irratti kan xiyyeeffatan ta’uun ibsameera.

Waltajjicharratti Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee Amabaasaaddar Reedwaan Huseen, Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektara Jeneraalaa Dhimmootaa Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawal akkasumas Daayrektara Olaanaa Walta’iinsa Loltummaa fi Hariiroo Alaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuun argamaniiru.

Waltajjichaan haala biyyaalessaa fi naannawaa bu’uureffachuun ibsi kennamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.