Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Faayyaa Magaalattii rakkoolee dandamachuun tajaajila fooyya’aa kennaa jiru-Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Dhaabbileen Fayyaa Magaalaa Shaggaritti argaman rakkoolee mudatan dandamachuun tajaajila fayyaa fooyya’aa kennaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalattii Dooktar Tashooma Addunyaan himan.

Jilli Dooktar Tashooma Addunyaan Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti buufataaleen fayyaa daawwatamaniiru.

Daawwannicharratti Dooktar Tashoomaa Addunyaan, Magaalaan Shaggar bifa haaraan hundaa’uun walqabatee hanqinni kenninsa tajaajila fayyaa turuu yaadachiisanii dhaabbileen kunneen rakkoolee muudatan dandamachuun tajaajila fayyaa fooyya’aa kennuu irratti argamu jedhan.

Hogganaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar Obbo Abarraa Botoreen gama isaaniin kenniinsi tajaajilaa fayyaa fedhii jiraattota magaalattii bu’uureffachuun kennamaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajilichaafis meeshaalee wal’aansaa barbaachisoo guutamaa jiraachuu himaniiru.

Hanqina qorichaan muudatu furuu fi meeshaalee tajaajila baqaqsanii wal’aanuuf guutuufis hojjetamaa akka jjiru eeran.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.