Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltichi qajeeltoo waloon misoomsuu fi kennanii fudhachuu kan hordoffedha–Amb. Mallas Alam

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Waliigalteen karraa galaanaa argachuu Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallatteeffame qajeeltoo waloon misoomsuu fi kennanii fudhachuu kan hordoffe fi gaaffii egeree Ityoophiyaa ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsan.

Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaaleef kennaniin gaaffii egeree Itiyoophiyaa hordoffee Liigiin Araba odeeffannoo gama Ijibtiin basaa jiru fudhatamaa akka hinqabnee fi dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru.

Gama biraatiin kakka’umsi guyyoottan darban mul’atan, agarsisni Torbee Dippiloomaasii akka guddatuu fi kabajamuuf kallattii kan agarsisuudha jedhan.

Haaluma kanaan Torbee Dippiloomaasii Amajjii 2-24, 2016 gaggeeffamaa jiru lammiilee fi dhaabbilee garaagaraan daawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Agarsiisichi daawwatootaaf hubannoo hedduu kan kenne ta’uu duubdeebii kennamaa jirurraa hubachuun akka danda’ame Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.

Firehiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.