Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Biilii fi Meliindaa Geet deeggarsa taasisuu akka cimsu gaafatame

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Faawundeeshiniin Biilii fi Meliindaa Geet deeggarsa misoomaa Itiyoophiyaatti taasisu cimsee akka itti fufu gaafatame.

Fooramii Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaandi Daavoositti gaggeeffamaa jiru cinaatti Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Hundeessaa fi Dura Taa’aa Faawundeeshinii Biilii fi Meeliindaa Geet, Biil Geet waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Faawundeeshinichi dameewwan fayyaa, qonnaa fi misooma qabeenya humna namaa irratti Itiyoophiyaatti deeggarsa taasisa jiruuf Obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Guddina diinagdee waarinaan mirkaneessuuf deeggarsa taasisus akka cimsu gaafachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Biil Geet gama isaaniin, hojiilee misoomaa jireenya lammiilee jijjiiruuf gargaaran hojjechuu cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Faawundeeshinichi dameewwan misoomaa mootummaan Itiyoophiyaa dursa kennuuf irratti waggoottan 20’n darban hojiilee jireenya lammiilee jijjiiran hojjetaa turuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.