Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Dargaggootaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaalilaandi akka deeggaru beeksise

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Manni Maree Dargaggootaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaalilaandi gidduutti mallatteeffame akka deeggaru beeksise.

Pireezidaantiin Mana Marichaa Fu’aad Gannaa waliigaltee taasifamee ilaalchisuun ibsa kennaniin manni marichaa fayyadamummaa dargaggootaa, hammatummaa fi hirmaannaa isaanii mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu eeran.

Haaluma kanaan waliigaltichi fayyadamummaa biyyaalessaa fi diinagdee kan mirkaneessu, walitti hidhamiinsa naannwaa kan cimsu fi dandeettii dippiloomaasummaa kan guddisu ta’uun, manni marichaa waliigalticha kan deeggaru ta’u ibsan.

Raawwiin isaas milkaa’aa akka ta’u gahee gama isaa akka bahatu dubbataniiru.

Waliigaltichi, fayyadamummaa dargaggootaa caalmaan kan mirkaneessuu ta’uun, adeemsichaan hirmaannaa dargaggootaa guddisuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Dargaggoonni waliigalticharratti hubannoo waloo akka qabaatan hojiirra oolmaa waliigaltichaaf gahee gama isaanii akka bahatan manni marichaa ni hojjeta jedhameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.