Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa hariiroo isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa dameewwan garaagaraan hariiroo isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Biyyoonni lameen dameewwan daldalaa, saayinsii fi kanneen biroon walta’iinsa isaanii cimsuuf waliigalaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Seergee Laavroov akka ibsanitti, biyyi isaanii nageenya Eeshiyaa Kaabaa Bahaa, nageenyi quubsuma Kooriyaa Kaabaa akka mirkanaa’u walta’iinsaan akka hojjettuu fi Kooriyaa Kaabaa cina akka dhaabbattu eeraniiru.
Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaa Cho Son Huwii waliin guyyaa har’aa mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen Kireemliinitti walarguun mari’achuun dura dippiloomaatonni olaanoo biyyoota lameenii dhimmoota hariiroo gamlamee fi walta’iinsa isaaniirratti mari’achuu TRT’n gabaaseera.

Baatii Fulbaanaa darbe Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun geejjibaa Baaburaan gara Raashiyaatti imaluun daawwannaa taasisuu fi Pireezidaanti biyyatti Vilaadmiir Putiin dabalatee Ministiraa Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii Sergeey Shooyiguun waliin mari’achuun ni yaadatama.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.