Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti mallattaa’e misooma waloo kan mirkaneessudha- Dooktar Diimaa Nagawoo

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)– Waliigalteen karra galaanaa argachuu Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandii gidduutti mallattaa’e walta’iinsaa fi tumsa misooma waloo mirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii dhimmoota Nageenyaa fi Hariiroo Alaa Dooktar Diimaa Nagawoon himan.

Dooktar Diimaan, Paarlaamaa Faransaayitti Jila Walitti Qabaa Koree Ittisaa Biyyaa fi Humna Waaraanaa Toomaas Gaasiiluudiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Mariiisaaniin, Itiyoophiyaan dhiyeenya kana waliigalteen Somaaliilaandi waliin mallatteessite, misoomaa waloo kan mirkaneessu ta’uu garichaaf ibsaniiru.

Ertiraan bilisummaa ishee erga mirkaneessiteen booda Itiyoophiyaan karraa galaanaa dhabdee turuu eeruu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Dinagdee biyyaalessaa mirkaneessuuf qajeeltoo kennanii fudhachuun waliigalteen Somaaliilaandi waliin irra ga’ame waloon misoomuuf gahee olaanaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Sanada waliigaltichaa ilaalchisuunis Gamtaa Awurooppaarraa hubannoon walbuusaan calaqqisiifamuu fi yaadni gamticharraa dhiyaates sirrii akka hintaane Mootummaan Faransaay akka hubatu jilicha gaafataniiru.

Nageenya naannawaa karra galaanaaf gumaacha Itiyoophiyaa kan gaafatu ta’uu eeruun, sanadni waliigaltee mallattaa’es gara boqonnaa hojiirra oolmaatti akka ce’uu Faransaay tumsa gama ishee akka taasistu gaafataniiru.

Paarlaamaa Faransaayitti Walitti Qabaan Koree Ittisaa Biyyaa fi Humna Waaraanaa Toomaas Gaasiiluudiin gama isaaniin, Faransaay dameewwan hawaasummaa fi diinagdeen Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.