Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Fooramii Diinagdee Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Pireezidaantii Fooramii Diinagdee Addunyaa Boorgi Bireendi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Obbo Dammaqaan haala waqtawaa bu’aalee diinagdee Itiyoophiyaan galmaa’aa jiranirratti ibsa kennuun, kanaafis guddina saffisisuuf hojiilee invastimantii babal’isuuf mootummaan fooyyessii taasisu dubbataniiru.

Bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf mootummaan xiyyeeffanoon hojjechaa jiraachuu kan eeran Obbo Dammaqaan, Itiyoophiyaan humna ofii isheen Hidha Guddicha Haroomsa Itiyoophiyaa ijaaruu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Damee tajaajilaa waliingahuuf, dhaabbiilee faayinaansii fooyyessuu fi diinagdee dameelee dhuunfaa guddisuun, mootummaan hojiilee eegale cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Fooramii Diinagdee Addunyaa Boorgi Bireendi gamaasaaniin, Itiyoophiyaan wagga waggaan hirmaannaa Fooramii Diinagdee Addunyaarratti taasistuuf galateeffataniiru.

Fuulduraattis fooramichi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarrraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.