Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti sa’aatii 24 keessatti vaayrasii koroonaatin namoonni kumni 2 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC) – Ameerikaatti sa’aatii 24 keessatti vaayrasii koroonaatin namoonni kumni 2 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.

Sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni 2 fi 108 ta’an vaayrasii koroonaatin kan du’an yoo ta’uu, walakkaa miiliyoona kan caalan ammoo vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Yaa ta’u malee koreen ogeeyyota “Covid-19” Masaraa Mootummaa Adii, weerarichi Ameerikaa hunda waliin ga’uunsa hin oluu jedhaniiru.

Akka ragaan Yuunvarsiitii Joon Hoopkiins muul’dhisutti Ameerikaatti hanga yoonaatti du’i kumni 18 fi 693 galmaa’era.

Namoonni kumni dhibbi 5 fi 399 ammoo vaayrasichaan qabamaniiru.

Duuti galmaa’e walakkaan magaalaa Niiwyoorkittidha.

Dhibee kanaan kan miidhamte Xaaliyaanin lakkoofsa namoota du’anii olaanaa galmeessaa jirti.

Yaa ta’u malee Ameerikaatti du’i galmaa’aa jiru kan Xaaliyaan caaluun akka danda’u mirkanaa’era.

Xaaliyaanitti vaayrasichaan namoonni kumni 18 fi 849 du’aniiru.

Waliigala vaayrasichaan addunyaarratti namoonni kumni dhibbi 1 ol ta’an yoo du’an, miiliyoonni 1.6 ammoo vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Kan dandamatan ammoo kuma dhibba 3 fi kuma 74 ol ga’aniiru.

Maddi:-BBC fi Joon Hoopkiins

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.