Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Fooramii Diinagdee Addunyaarratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirii Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Siwiizarlaandi Daavoositti gaggeeffamaa kan jiru Fooramii Diinagdee Addunyaarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ii 54ffaa barana kun mata duree “Wal amantaa irra deebiin ijaaruu” jedhuun gaggeeffamaa jiru, dhimmoota misoomaa Idil Addunyaa, kalaqa teeknooloojii, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi haala nageenyaa yeroorratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.

Obbo Dammaqaan hirmaannaa taasisan cinaatti, hooggantoota biyyootaa fi ittigaafatamtoota dhaabbilee waliin ni mari’atu.

Marii Pireezidaantii Itti Aanaa Taanzaaniyaa Fiiliip Mipoongoo walii taasisaniin sadarkaa ijaarsi hidha guddicha haaromsaa Itiyoophiyaa irra jiruun pirojektichi boqonnaa xumuraarra akka jiru kaasan.

Fiiliip Mipoongoo gamasaaniin, biyyoota sulula Abbaay fayyadamna haqa qabeessi akka qabaatan Taanzaaniyaan tattaaffii taasiftu akka itti fuftu dubbataniiru.

Hidha haaromsaa ilaalchisuun garaagarumaa jiru mariin akka furaman mariin biyyoota sadanii itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Walgahiin komishinii waloo biyyoota lamaanii dhiheenyatti akka adeemsifamu waliigalaniiru.

Kana malees, Obbo Dammaqaan Daaryektara Olaanaa Dhaabbata Eegumsa Qabeenya Sammuu Addunyaa Daareen Taangi waliin kan mari’atan yoo ta’u, haalota tumsi Itiyoophiyaan dhaabbaticha waliin qabdu cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan tumsa dhaabbaticha waliin qabdu cimsuuf qophii ta’uushee dubbatanii, Itiyoophiyaa akka daawwatan waamicha Obbo Dammaqaan taasisaniif simachuun eerameera.

Daareen Taangi deeggarsa Dhaabbanni Eegumsa Qabeenya Sammuu Adduyaa Itiyoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.