Fana: At a Speed of Life!

Lafa karaa saayinsaawaafi ammayyaa’aan bulchuun dhalootatti dabarsuuf hojjetamaa jira-Biiricha

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Lafa bu’uura diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’e karaa saayinsaawaafi ammayyaa’aa ta’een bulchuun dhaloota itti aanuuf dabarsuuf hojjetamaa jiraachuus Biiroon Lafa Oromiyaa ibse.

Hojiirra Oolmaa labsii Bulchiinsaafi Itti fayyadama lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe Lakkoofsa 248/2015 irratti qooda fudhattootaaf waltajjii hubannoo uumuu gaggeeffameera.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Lafaa fi Itti Gaafatamaa Damee Misooma Lafaa Obbo Salamoon Abbabaa, Bulchiinsaa fi Itti fayyadama lafa Baadiyyaa qajeeltoowwan iftoomina, si’oomina, bu’aa qabeessummaa fi itti gaafatamummaa qabuun hoogganuu fi sirni abbaa qabiyyummaa lafaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa hojiitti hiikuun, fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf labsichi fooyya’ee, hojiirra akka oolu taasifamuu himaniiru.

Lafa bu’uura diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’e karaa saayinsaawaafi ammayyaa’aa ta’een bulchuun dhaloota itti aanuuf dabarsuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Labsii Bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa bahe hojiitti hiikuun qooda fudhattoonni hundi gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qabanis ibsan.

Leenjii hubannoo uumuu qindoomina Biiroo Lafa Oromiyaafi Dhaabbata USAID’n kan qophaa’e yoo ta’u, qooda fudhattoonni sadarkaa garaagaraa, hayyoonnii fi Abbootiin qabeenyaa hirmaachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.