Fana: At a Speed of Life!

Jala bultii (Kataraa) fi Ayyaanni Cuuphaa nagaan akka kabajamu qophii gahaan taasifamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Ayyaanni Kataraa fi cuuphaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf qophiin gahaan taasifamuu Biiroon Bulchiinsa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi qaamolee nageenyaa magaalichaa waliin dhimmoota kabajaa Ayyaana Kataraa fi Cuuphaarratti mari’ateera.

Hoggaantuun Biiroo Bulchiinsa fi Nageenyaa magaalicha Aadde Liidiyaa Girmaa, magaalichatti raayyaan nageenyaa kuma 141 jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan, raayyaan nageenyaa kunneen qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun nageenyaa, magaalichaa eegsisuuf gahee isaanii bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa duudhaa seeraa mana amantichaa eeggateen akka kabajamuuf raayyaa nageenyaaf leenjiin kennamuun eerameera.

Ayyaanni Cuuphaa Magaalaa Finfinneetti kabajamu hambaa Addunyaa ta’uu isaan karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf qophii gahaan taasifamuu Aadde Liidiyaan himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.