Fana: At a Speed of Life!

Paartichi gamaaggama raawwii baatiiwwan jahan darbanii gaggeessuu eegale

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)-Paartiin Badhaadhina raawwii karooraa baatiiwwaan jahan darbanii gamaaggamu eegaleera.

Gamaaggamicharratti Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhina Obbo Adaam Faaraah fi hoggaantoonni dameelee garaagaraa argamaniiru.

Waltajjicharratti Obbo Adam Faaraah akka ibsanitti, hoggansa ilaalchaa fi hojiin ga’oome uumuu fi sirna mootummaa fudhatamummaa qabu ijaaruuf akkasumas hirmaannaa, fayyadamummaa fi itti quufiinsa ummataa mirkaneessuuf paartichi sochii taasisaa jira jedhan.

Waltajjichaan, raawwii karoora baatiiwwan ja’an darbanii fi badhaadhina mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaan bal’inaan kan gamaaggamamu ta’uu ibsuu ragaan paarticharra argame ni mul’isa.

Keessumaa filannoon booda waadaaleen ummataaf galaman sadarkaa maaliirraa akka jiran, dameewwan misooma biyyaalessaa shananiin bu’aalee argaman, seenessii biyyaalessummaan biyya tokko ijaaruuf adeemsi deemame kan ilaalamu ta’uun eerameera.

Raawwiin karooraa kun gamaaggamamuun sadarkaa paartichi irratti argamu adda baasuu fi milkaa’ina hojiilee gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf akkasumas sirna deeggarsaa fi hordoffii diriirsuun dandeetti uumuuf kan tumsu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.