Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti Sagantaan Beekkamtii kennuu Kaffaltoota Gibiraa gaggeeffamaa Jira

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Bulchiinsi Magalaa Shaggar Kaffaltoota Gibiraa Amanamoof Sagantaan Beekkamtii kennuu gaggeessaa jira.

Saganticharratti Kantiibaa Ittaanaan Obbo Guyyoo Galgaloon haasawaa taasisaniin, gibirri dirqama lammummaa ta’uun beekamee yeroon kafaluun hojii misoomaaf oolchuun murteessaa ta’uu himan.

Biyyiooni guddatan sadarkaa guddinaa galmeessan galii gibiraa yeroon kafaluu fi gibira kaffaluutti kan boonan ta’uu eeraniiru.

Magaalaan Shaggar magaalaa sochiin daldalaa bal’aan keessatti gaggeeffamuu fi magaalaa qabeenya galii olaanaan irraa argamu taatee osoo jirtuu rakkoolee tokko tokkoon galiin gibiraa hanga barbaadamu galaa hinjiru jedhan.

Rakkoolee jiran irratti hojjechuun Magaalaa Shaggar magaalaa miidhagaa fi magaalaa dhalootaa taasisuun murteessaadha jedhaniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.