Fana: At a Speed of Life!

Dameen dhuunfaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi tajaajilarratti akka bobba’an daandii banuuf hojjetamaa jira-Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)-Dameen dhuunfaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi tajaajilarratti caalmaan akka bobba’an daandii banuuf kaayyeffamee hojjetamaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin tuuriizimiin utubaawwan diinagdee shanan keessaa tokko yoo ta’u, kana keessatti dameen dhuunfaa gahee murteessaa kan qabuudha jedhan.

Damichaan hojiileen Sagantaa “Maaddii Shaggariif”, “Maaddii Biyyaaf” fi “Maaddii Dhalootaaf” jedhamaniin hojjetama jiran, dameen dhuunfaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi tajaajilarratti caalmaan akka bobba’an daandii banuuf kaayyeffamee kan hojjetamaa jiran ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.