Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti balaa ibiddaan lubbuun namoota lamaa darbe

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti balaa ibiddaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbe.

Balichan suuqiiwwan 4 guutuummaatti barbadaa’uu fi namoota 2 ibiddicha dhaamsuuf tattaafataa turan lubbuun darbuu Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaatti Itti Gaafatamaa Kutaa Qorannoo Yakkaa Inispeektar Olaanaa Geetaahuun Girmaan ibsaniiru.

Namoota biroorraas miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan ga’uu fi balaa ibiddaa mudate kana dhaamsuuf hawaasni hirmaannaa bal’aa taasisuu kaasan.

Ka’umsi balichaa fi tilmaamni qabeenya barbadaa’ee qoramaa jiraachuus himaniiru.

Abdurraahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.