Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaan Lubbuun namoota 11 darbe

Finfinnee, Amajjii 5, 2016 (FBC)-Naannoo Somaalee Godina Feefan Aanaa Shebeleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuu Poolisiin naannichaa beeksise.

Qajeelcha Poolisii Godina Feefanitti Itti Gaafatamaan Nageenya Daandii Shaafii Arabi Mahaammad akka ibsanitti, kanneen lubbuun darban dabalatee namoota 12rraa miidhaan qaamaa qaqqabeera.

Lammiileen miidhaan irra ga’e Hospitaala Rifeeraalaa Jigjigaatti wal’aansi taasifamafii jiraachuu ibsaniiru.

Balichi konkolaataa deddeebisaa ummataa Minibaasiin Aanaa Shebeleerraa ka’ee utuu imalaa jiruu konkolaataa fe’umsaa Siinootiraakii waliin walitti bu’uun kan uumame ta’uun ibsameera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ibsuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.