Fana: At a Speed of Life!

Amanamummaan nama badhaasisa, galateeffachiisa, nama boonsa-Aadde Adaanech

Finfinnee, Amajjii 5, 2016 (FBC)- Amanamummaan nama badhaasisa, nama galateeffachiisa, akkasumas nama boonsa jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech, mata duree “Gibira Kabaja Biyyaaf” jedhuun kaffaltoolta gibiraa amanamoo gibira amanamummaan yeroon kaffalaniif beekkamtii kennuu beeksisaniiru.

“Gibira isinirraa eegamu yeroo isaattii fi amanamumman kaffaluu keessaniin boonuu fi gammachuu dachaan isinitti dhagahamuu qaba” jedhaniiru.

Gibira dhoksuun akka sabbata haadhaa irraa hatuu waan ta’eef gocha bilisummaa fi kabaja mulquu ta’uu ibsanii, jaalattoonni biyyaa gibira amanamummaan kaffalaniif akkuma beekamtiin kenname, hojimaata fi kenninsa tajaajilaa madaaluun, kanneen seeraan alummaan hojjetan seeraan itti gaafatamoo ni taasisna jedhaniiru.

Harka walqabannee misoomaa fi badhaadhina magaalaa Finfinnee ni mirkaneessina jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.