Fana: At a Speed of Life!

Tarkiin quubsuma garee Finciltoota Kurdi (PKK) 29 barbadeessuu beeksiste

Finfinnee, Amajjii 4, 2016 (FBC)- Tarkiin Oppireeshinii qilleensarraa gaggeessiteen garee Shororkeessaa kan jettuun Garee finciltoota Kurdi (PKK) quubsuma 29 Iraqii fi Sooriyaa keessaa haleeluun barbadeessuu beeksiste.

Ministeerri Ittisaa Tarkii quubsuma garichaa barbadeessuu kan beeksise loltoonni Turkii 9 garee PKK’n ajjeefamuu hordofee ta’uu TRT’n gabaaseera.

Haleellaan gaggeeffame kunis quubsuma garee shororkeessaa PKK Kaaba Iraaqii fi Sooriyaa naannawaa bulchiinsa Matina, Hakurk, Gara fi Qandilitti akka ta’e Ministirri Ittisaa biyyatti beeksiseera.

Haleellaan kunis walga’ii ariifachiisaa Pireezidaantiin Turkii Resiip Xayib Erdohaaniin hogganamu Istaanbul keessatti wayita waamametti akka ta’e eerameera.

Turkiin Garee Shororkeessaa Finciltoota Kurdi (PKK) dhabamsiisuuf bara Faranjootaa 2022 Kaaba Iraaq naannawaa Turkiin waldaangessanitti kan argaman Metinaa, Zap fi Avaasin Basyan keessatti oppireeshinii eegaluu labsuun ishee kan yaadatamudha.

Gareen PKK, Turkii, Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaan garee shororkeesitootaan farrajamuun kan yaadatamuudha.

Garichis du’aatii namoota nagaa kuma 40 oliif ittigaafatama ta’uun kan eeramuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.