Fana: At a Speed of Life!

Mandarri Ikkoo Tuurizimii Wancii-Dandii turizimii itti fufiinsa qabu misoomsuuf kan dandeessisuudha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 4, 2016 (FBC)- Mandarri ikkoo tuuriizimii Wancii-Dandii turizimii itti fufiinsa qabu misoomsuu, bareedina umamaa fi qabeenya aadaa kunuunsuun dhalootaf dabarsuuf kan dandeessisudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan.

Mandarri Ikoo-Turizimii Wancii-Dandii wiirtuu qofa osoo hintaane, karra carraa heddu kan banuudha jedhan.

Misoomni turizimii adeemsa roga hedduu kan hammatu ta’uu eeruun, galii maddisiisuu, carraa hojii uumuu fi ‘interpirinarshippi’ jajjabeessuun guddina dinagdee keessatti gumaacha olaanaa akka taasisu akeekaniiru.

Mandarri kun, turizimii itti fufiinsa qabu misoomsuu, bareedina umamaa fi qabeenya aadaa kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan dandeessisuu ta’uu himan.

Mandarichi namoota iddoo adda addaa irraa dhufan walitti fiduudhaan walhubannoodhaaf akka haala mijeessu Obbo Shimallis eeraniiru.

Daawwattoonni aadaa, duudhaa fi haala jireenyaa naannoo sanaa hubachuuf carraa kan argatu ta’uun, kunis walhubannoo fi waldanda’uu guddisa jedhan.

Namoota Mandara Ikoo-Turizimii kana dhugoomsuuf gumaachan hundaas galateeffataniiru.

Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.