Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Ayyaana Cuuphaarratti Abbootii Amantaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abbootii Amantaa Waajjira Olaanaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa fi Kutaa Lallabaa Finfinnee waliin Kabaja Ayyaana Cuuphaarratti mari’ataniiru.

Marichaanis Ayyaanni Cuuphaaa duudhaa amantaa isaa eeggatee nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu abbootiin amantaa ibsaniiru.

Haasawaa fi gochaalee mana amantichaa bakka hinbuune akka balaaleffatan, kanas hordoftootaaf akka ifa taasisan dubbataniiru.

Aadde Adaanechii fi qondaaltonni magaalattii biroon gama isaaniin, Ayyaanni Cuuphaa hambaa UNESCO’tti galmaa’e waan ta’eef, duudhaa amantaa eeggatee nagaan akka kabajamuuf abbootiin amantaa itti gaafatama isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Abbootiin amantaas bulchiinsi magaalichaa kabaja ayyaanichaaf deeggarsa baratame akka taasisu gaafachuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.