Lammiilee Naannoo Tigraayiif deeggarsi Birrii miiliyoona 121 taasifame
Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsi barbaachisuuf deeggarsi nyaataa fi uffannaalee Birrii miiliyoona 121’tti tilmaamamu taasifame.
Deeggarsichaas kan taasisanis Ministeera Galiiwwanii, Ministeeraa dhimma dubartootaa fi Hawaasummaa fi koomishinii gumurukaa ta’uun ibsameera.
Deeggarsicha kan fudhaan Bulchiinsa Yeroo Naannichatti Hogganaan Biiroo Maallaqaa Dooktar Mihrat Bayyaana, deeggarsa taasifameef galateeffachuun, rakkoo naannichatti mudatee furuuf hunduu tumsa akka taasisu gaafatachuu ragaan Biiroo Kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaan
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.