Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Aadaa hojii dagaagsuu fi oomishtummaa fooyyessuun haala dandamurratti leenjii kennuu eegale

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)-Ministeerri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa qooda fudhattoota Naannoolee Oromiyaa, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Gambeellaaf Magaalaa Jimmaatti leenjii kennuu eegale.

Waltajjii leenjichaarratti Miniteerri Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil akka jedhanitti, sagantaa hirmaannaa hawaasaa carraa hojiif jedhuu milkeessuuf, karaa hunda hirmaachisee fi haqa qabeessa ta’een, miira itti gaafatamummaan hojjechuun, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsan.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii fi Ogummaa Oromiyaa Injiinar Eebbaa Garbaa, carraa hojii lammiileef uumuun badhaadhina mirkaneessuuf kutannoo ol’aanaan hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa sagantaa hirmaanna hawaasaa carraa hojiif jedhuun waltajjii jalqabaa Magaalaa Jimmaatti qophaa’uu eeraniiru.

Bulchaa Ittaanaan Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroo gama isaaniin, carraa hojii uumuun dura ogummaa fi Ilaalcha Dhalootaa Qajeelchuun Aadaa Hojii Dagaagsuuf Leenjichi Murteessaa Ta’uu Ibsuu Ragaan Kominikeshinii Magaalaa Jimmaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.