Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Guddichi Wancii Amajjii 18 gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Fiigichi Guddichi Wancii Amajjii 18, 2016 Wanciitti kan gaggeeffamu ta’uu Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa beeksise.

Fiigichi kunis qopheessummaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaan kan gaggeeffamu ta’uu Daayrektara Piromooshinii fi Markeetingii Komishinicha Obbo Abduu Galgaloo Faanaa Biroodkastiingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Haroo Wanciirraa ka’uun fiigichi walakaa Maaraatoonii kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Fiigiicha kanaarratti Atileetonni bebbeekamoon, keessummoonnii fi hawaasni bal’aan kan hirmaatan ta’uu Obbo Abduun eeraniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.