Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti kompoostii idilee meetir kuubii miiliyoona 119 ol qophaa’eera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti kompoostii idilee meetir kuubii miiliyoona 119 ol qophaa’uu Pireezidaantiin Naannicha Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Qophii xaa’oo umamaatiif xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiraachuu obbo Shimallis Kaasanii, wirtuuleen qophii kompoostii modeela ta’an aanaalee hunda keessatti qophaa’uu eeraniiru.

Xiyyeeffanna kompoostii raammootiif kennameenis godinoota hunda, aanoolee 265 keessatti ijaarsa giddugalaa qophii, Birrii miiliyoona 938.7 hojjetamaa akka jiru gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

Bara dhufu gandoota hunda keessatti kan ijaaramuu ta’uus akeekaniiru.

Bara kanatti kompoostii idilee meetir kuubii miiliyoona 150 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti meetir kuubii miiliyoona 119.77 qophaa’uu dubbataniiru.

Akkasumas kompoostii raammoo kuntaala miiliyoona 2.4 qopheessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kuntaalli miiliyooan 1.4 qophaa’era.

Waqtiin ammaa qophii kompoostiif galteewwan oolan bal’inaan waan argamaniif qonnaan bultoonni carrichatti fayyadamuun itti fayyadama xaa’oo umamaa guddisuun fayyummaa fi gabbina biyyee akka eegan dhaamanii, hoggansii fi ogeeyyiin gahee isaanii akka bahan hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.