Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuun Qorannoofi Misoomaa Niwu Iiraa omisha ventilatarii oksijinii jalqabuuf haalduree mara xumuruusaa beeksise

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namootni vaayirasii koronaatiin qabaman yeroodhaa yerootti dabalaa dhufuun walqabatee Wiirtuun Qorannoofi Misoomaa Niwu Iiraa (New Era Research & Development Center) jedhamu Finfinneetti omisha ventilatarii oksijinii jalqabuuf haalduree mara xumuruusaa beeksise.

Wiirtichi kaampaanii teknolojii Nurdiin jedhamuu fi deggarsa mootummaa, akkasumas abbootii qabeenyaa muraasa wajjin maashinii dhukkubsattoota vaayirasichaaf oksijinii kennu (ventilatarii) biyyuma keessatti omishuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, guyyoota 15 booda omisha akka jalqabu ibseera.

Ittigaafatamaan teknolojii wiirtuu qorannichaa Obbo Naatnaa’el Kabbadaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, meeshaalee meedikaalaa namootni vaayirasichaan qabaman ittiin wal’aanaman keessaa ventilatariin oksijinii isa tokko waan ta’eef hanqinni maashinichaa akka hinmudanneef biyya keessatti omishuuf saffisa olaanaan hojjetamaa jira.

Dhaabbata Prees Ityoophiyaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.