Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeniin Gaalamaa mankuusaa Birrii miiliyoona 17.5’n ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Yuuniyeenii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gaalamaa mankuusaa Birrii miiliyoona 17.5’n ijaarsise eebbisiise.

Warshaa Aannanii fi giddugala gabaa ijaarsisuufis dhagaan bu’uuraa ka’ameera.

Hoji Gaggeessaan Yuuniyeenichaa Obbo Abdurrahmaan Hajjii, yuuniyeenichi qabeenya waliigalaa Birrii Biiliyoona 1 oliii kan horate ta’uu ibsanii, pirojektii haaraan eebbifames dhiyeessii xaa’oo fi sanyii filatamaan rakkoolee qonnaan bultootaa furuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Mankuusaan ijaaramees si’a tokkotti kuntaala kuma 80 kan qabachuu danda’uu ta’uun ibsameera.

Dabalataanis Giddugalli Makaanaayizeeshinii Qonna Birrii miiliyoona 28’n ijaarame xumuramuun eebbifameera.

Dursaa Garee Gabaa Eejensiii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Tashitee Gammadaa gama isaaniin, Yuuniyeeniin Gaalamaa, yuuniyeenii guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiru ta’uu ibsaii, mankuusaan ijaarsises rakkoo qonnaan bultootaa furuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni miseensa yuuniyeenichaas pirojektoonni ijaaramaa jiranii fi har’a eebbaaf gahan qonna guddisuu fi ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif fayyadamummaa isaanii akka mirkaneessuuf dubbatan.

Dabalataan yuuniyenichi Warshaa Aannanii fi giddugala gabaa ijaarsisuufis dhagaa bu’uuraa kaa’ameera.

Abdallaa Amaanii fi Ermiyaas Boggaalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.