Fana: At a Speed of Life!

Sirna loojistiiksii cimaa ijaaruuf xiyyeeffannon hojjetama jira-Ministeericha

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Mootummaan sirna loojistiiksii cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Geejjiba fi Loojistiksii Obbo Dheengee Boruun ibsan.

Waltajjiin marii karoora damee loojistiiksii Itiyoophiyaa qopheessummaa Abbaa Taayitaa Maariitaayimii Itiyoophiyaan gaggeeffamaa jira.

Karoorri loojistiiksii Dhaabbata Gorsaa ‘Diippii Giloobaa’l jedhamuun qoratames waltajjicharratti dhihaachuun mari’atama jiraachuun eerameera.

Ministir Deetaan Ministeericha Obbo Dheengee Boruu waltajjicharratti, loojistiksiin diinagdee biyyaaf furtuu ta’uu eeruun, karoora damee kanaa yeroo yeroon fooyyessuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Loojistiksii teeknooloojiin ammayyeessuu, hojmaata iftoomina qabu diriirsuu fi gaggeessuun akka barbaachisu ibsuun, mootummaan damicharratti tarsiimoo cimaan gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.