Fana: At a Speed of Life!

Manni Kitaabaa Abrihoot Gamtaa Qulqullina Mana Kitaabaa Idil Ddunyaa ‘Silki Rood’tti makame

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Manni Kitaabaa Abrihoot Gamtaa Qulqullina Mana Kitaabaa Idil Addunyaa ‘Silki Rood’tti makamuun ibsame.

Manni kitaabichaa qindoominichatti kan makameef erga ijaaramee yeroo gababaa keessaatti tajaajila qulqullinaa fi sadarkaa idil addunyaa eeggate kennuu danda’uun teessoon isaa Chaayinaa kan ta’e Gamtaan Qulqullina Mana Kitaabaa Idil Addunyaa ‘Silki Rood’ ifoomseera.

Sadarkaa idil addunyaatti manneen kitaabaa ijaaraman keessaa yeroo gabaabaa keessatti qulqullinaan, qorannoon, kalaqa akkasumaa kitaabilee barootaa dheeraa lakkoofsisan bakka itti argaman ta’uun xiyyeeffannaa argachuu akka danda’e gamtichi ibseera.

Dhaabbatichi manaa kitaabaa Itiyoophiyaa qofaa utuu hintaane bakka argama beekumsaa olaanaadha jechuun kan ibse, Manni Kitaabaa Abrihoot kun Gamtichatti mana kitaabaa 43ffaa ta’ee galmaa’uu beeksiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.