Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa balaalli tajaajila fe’umsaa haaraa gara Kazaabilaankaatti taasisu eegale

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balaallii tajaajila fe’uumsaa haaraa gara Kazaabilaankaa Morookootti taasisu eegaleera.

Kana hordoffee Daandiin Qilleensichaa bakka ga’uumsaa biyyoota Afrikaa 35’n qaqqabsiisuu ibsameera.

Balaalli haaraa sababeeffachuun Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu, gara Kazaabilaankaa Morookootti tajaajila fe’uumsaa haaraa eegaluutti gammachuu itti dhagahame ibsuun, balaallii tajaajila fe’umsaa gara biyyoota Afrikaatti taasifamuutti dabalataan balalii gara Idil Addunyatti ce’uuf boqonna haaraa uuma jedhaniiru.

Eegaluun balallichaa Daandiin Qilleensichaa bakka ga’uumsa isaa biyyoota Afrikaa 35’n qaqqabsiisuu Obbo Masfiin eeruu ragaan Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.