Fana: At a Speed of Life!

Weerara lafaa to’achuuf bulchiinsa lafaa teeknooloojiin ammayyeesuuf hojjetamaa jira-BLO

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Weerara lafaa baadiyyaa fi magaalaatti gaggeeffamu to’achuuf teeknoloojiin deeggaramuun bulchiinsa lafaa ammayyeesuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Lafaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi itti fayyadama lafa Naannoo Oromiyaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaa jiranirratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ataa jira.

Waltajjii marichaarratti Hogganaan Biirichaa Obbo Guutaa Lachooreen akka jedhaniitti, fayyadamni lafaa karaa teeknoloojiin deeggarameen hin hogganamu taanaan madda rakkoo fi walitti bu’insaa waan ta’uuf bulchiinsi lafaa fooyya’uu qaba.

Lafti qabeenya dhaabbataa ta’uu kaasanii, qabeenya kana eeguun dhalootaaf dabarsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Baranas Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchiinsa lafaa fooyyessuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa akk jiru yaadachiianii, keessumaa weerara lafa baadiyyaa fi magaalaatti gaggeeffamu to’achuuf teeknoloojiin deeggaramuun, hojjetamaa jira jedhan.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abduraamaan Abdallaa gama isaaniin lafti qabeenya dhalootatti darbu waan ta’eef dhaloonni har’aa kunuunsa qabeenya lafaa fi qabeenya uumamaaf taasisu cimsuun qaba jedhan.

Kunuunsi qabeenya uumamaa yeroo ammaa xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru itti fayyadamni lafaa akka fooyya’u taasisuu keessatti gumaacha olaana akka qabuu fi kana kaadaastaraan galmeessuu fi ammayyeessuun barbaachisaa ta’us dubbataniiru.

Hojiileen lafaan walqabatan ittigaafatama qaam tokkoo qofa waan hintaaneef qaamoleen hunduu hirmaannaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.