Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ajaja Lixaa Magaalaa Naqamteetti harka qalleeyyiif maaddii qoode

Finfinnee, Mudde 28, 2016 (FBC)- Raayyaan ittisa Biyyaa Ajaja Lixaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti, namoota harka qalleeyyii,qaama midhaamtoota fi kanneen daandii irra jirataaniif maaddii qoodeera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenyaa fi birmadduummaa biyyaa kabachiisuuf arsaa kanfalaa jiru cinatti hojii misoomaa fi hawaasummaa keessatti hirmaachuun aantummaa uummataaf qabu argarsiisaa jiraachuun ibsameera.

Guyyaa har’aas Magaalaa Naqamteetti Ayyaana Qillee sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii fi sababa addaan rakkoo keessa jiraataniif maaddii qoodaniiru.

Hoogganaan Ajaja Lixaa Letenaal Jeneraal Massalee Masarat akka jedhanitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa aantummaa Uummataa kan qabu ta’uu ibsanii, haaluma kanaan harka qalleeyyiif deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Magaalaa Naqamtee keessatti mana harka qalleeyyiif ijaaruun deeggarsa adda addaa taasiisaa turuu yaadachiisanii, Ayyaana Dhalachuu Gooftaa Yesuus kiristoos sababeeffachuun namoota nama isiin gargaaruu hin qabne daandiirraa jiraatanii fi qaama midhamtotaaf waan xiqqoo qabnu irraa maaddii qoodneerra jedhan.

Kantiibaan Itti Aanaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Tamasgeen Mirreessaa yaada kennaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa lubbuu isaa qaalii ummataaf kennuun birmaddummaa biyyaa mirkaneessuun cinatti, quuqamaa fi aantummaa qabuun namoota rakkoo adda addaa keessa jiraniif maaddii waan qoodaniif galateeffataniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.