Fana: At a Speed of Life!

Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gujii marsaa 75ffaa ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)-Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gujii marsaa 75ffaa ilaalchisee mariin paanaalii Finfinneetti gaggeeffameera.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gujii Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti Gurraandhala 13, 2016 gaggeeffamuuf qophiin jilaa xumuramaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjicharratti Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu Sirni Gadaa sirna dimookiraasii dhugaa ta’uusaa kaasuun, sirna kanas hunduu jabeeffachuu qabaa jedhan.

Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Sirna Gadaa jabeessuuf hojiilee bala’aa hojjechaa jiraachuu fi fuuldurattis ciminaan kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan haasawaa taasisaniin, Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun, Sirna Gadaa caalmaan cimsuurratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Gadaa Harmuufaa irraa kan ta’an Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo Uraagaa, warra Gadaan itti darbu Gada Roobaleetti baallii dabarsuuf jila hunda xumuranii ardaa Me’ee Bokkuu erga qubatanii ji’a darbeera.

“Ani Gadaa keessatti dhaladhee, guddadhe. Kuusaa, Raaba, Doorii keessaa dhufeen waggaa meeqa bara Gadaa Godaanaa Kattaa, bara Abbaa Gadaa Waaqoo Duubee, Bara Gadaa Aagaa Xeenxanoo hunda keessa hojjedhee dhufe. Erga Abbaa Gadaa ta’elleen waan Gadaarratti hafe hunda xumureen, jila Qaalluus kenneen wanni tokko hafee kan hin jiraanne ammaan tana Baallii kennuu calla eeggachuu jira” jedhan.

Abbaa Gadaa Jiloon Gulantaalee Gadaa keessa dhufanii waggaa 67’tti Abbaa Gadaa Gujii tahan. Amma yeroo Gadaa isaanii xumuranii Baallii dabarsan ammoo umuriin isaanii Ganna 75 dha.

Bara 2013 Yunvarsiitii Bulee Horaa irraa Doktareetii Kabajaa argataniiru.
Gurraandhala 13, 2016 Baallii Gadaa dabarsanii Yuuba Gadaa erga ta’aniin booda hanga Lubbuun jiranitti hojii nageenyaa fi waan biyyaaf ta’urratti hojjechuu akka itti fufanis himu.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.