Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos (Ayyaana Qillee) sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin guyyaan dhalachuu Kiristoos yeroo wantoonni ajaa’ibsiisoon lama itti raawwataman ta’uu eeruun kunis wanti eegame karaa hineegamneen kan dhufee fi kan hineegamne bakka hineegamnetti kan argameedha jedhan.

Barsiisonnii fi raajonni sagalee Kiristoos ni dhufa jedhu dhaga’anii fi dubbisaan hedduu ta’uu eeranii, kan eegan garuu masaraa mootumma fi diinqa warraa ayyaana qabeeyyii keessatti akka ture kaasan.

Seenaa addunyaa fi dhala namaa kan jijjiiree Kiristoos dallaa horii keessatti ni dhalataa jedhee kan eegee akka hinjirre ibsanii, kanarraa ka’uunis seenaan addunyaa haala ajaa’ibsiisaan wayita jijjiiramu addunyaan garuu ofii raftee akka turte himan.

Wantoonni seenaa biyyaa fi addunyaa jijjiiraan karaa baratamee fi eegamaniin dhufuu dhiisuu malu jedhan.

Wantoota akkanaan hubachuun kan danda’amu kan bira hingeenyee fi hintilmaamneen daandiin biraan jiraachaa akka danda’u simachuuf qophii yoo taane qofa akka ta’es dubbatan.

Wantoonni hundi karaa beeknuun, karaa tilmaamnuu fi barreen qofa akka dhufan yoo eegne nu darbuu danda’u jedhaniiru.

Mandara Beeteliheemitti seenaa addunyaa kan jijjiiree Dhalachuu Kiristoos irratti utuu hinhirmaatiin kan hafan karaa baranii fi eeganiin ala wanta dhufuuf qophii waan hintaaneefi jedhaniiru

Akkaataa fi bakki dhalachuu Yesuus Kiristoos namootaa Beeteliheemiif qofa utuu hintaane mooticha Heerodosiin haala naasiseen Urjii Lakkooftonni Baha Biiftuu irraa Mootichi Yihuudaa eessaa jira jechaa tikseewwanitti aananii dhufan.

Bakka hin eegamnee fi karaa hineegamneen raajii argan.

Biyyaaf yeroo hunda karaa irraa baratameen qofaa qabsaa’uufiin akka hindanda’ame kaasanii, namni hunduu furmaatawwan beekaniin, amaleeffatanii fi hubataniin qofa biyya fuulduratti tarkaanfachiisuun akka hindanda’ame ibsaniiru.

Akkuma rookeetii karaa konkolattonni fi xiyyaaronni irraa deemaniin gara hawaatti furguggisuun hindanda’ame karaa baratamee fi tooftaa imala biroon tarkaanfachuu gaafata jedhan.

Imala akkanaa daandii baratamee keessaa bahuun imaluun dirqama ta’uu eeruun, daandii kanas kan hubatu haala hineegamnee fi yaadamuun ala imaluuf nama eeyyamamaa ta’e barbaachisa jedhaniiru.

Yeroo ammaas biyyi keenyaa imala akkanarraa jirti kan jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, haala kanaan dura baratameen rakkoolee turan furuun bu’aa haaraa galmeessuun akka hindanda’ame dubbataniiru.

Karaa hinyaadamee kan barbaadu ta’uu ibsanii, furmaanni akkanaa karaa baratameen yaaduun kanneen imalaniif, keessummaa fi kan jeequ ta’uun beekamaadha jedhan.

Simachuu fi fudhachuuf kan ulfaatuu ta’uun, daandii amaleeffatameen waan baratame kanneen raawwatan ajaa’ibsiifamanis, daandii hinbaratamneen furmaanni keessummaan dhufu garuu, seenaa jijjiiruun isaa waan hafu miti.

Gara jalqabaatti kanneen simatan muraasa ta’anillee turtii keessaa hedduun hubachaa fi simaachaa deemuun haqa jiru ta’uu himan.

Guyyaa Dhalachuu Yesuus Kiristoos wayita kabajnu eebbaa fi fayyina dhalachuu isaarraa argannetti aansee karaa addunyaan ittiin jijjiiramte hubachuu fi nutis daandii irraa deemnu gamaaggamuu qabna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.