Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy manneen baasii gadaanaan ijaaraman eebbisiisan

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Finfinnee Naannawaa Abuwaareetti manneen jireenya lafaa kaaree meetira kuma 1 fi 523.3rratti baasii gadaanaan ijaarame eebbisiisaniiru.

Manneen ijaaraman kunneenis gamoo abbaa darbii 11 baatiiwwan sadii keessatti, galii gurgurata kitaabaa Dhalootaa Idaa’amuu fi deeggarsa Giruuppii Konistiraakshinii Ooviid irraa argameen kan ijaaramee xumurame ta’uun ibsameera.

Gamichi kutaalee 110 abbaa ciisicha tokkoo, lamaa fi sadii akkasumas kutaalee lafa jalaa 51 kan qabu ta’uun ibsameera.

Dabalataan, bakka tolcha biddeenii fi daabboo, nyaata bilcheesaan, naannawaa qulqullinaa kan qabu ta’uun ibsameera.

Gamoowwan kunneen bakka xiqqaarratti tajaajilaaf haala addaan itti fayyadamuuf ogummaan kan irratti mul’ate yoo ta’u, manneen hundaaf meeshaaleen guutamuun ibsameera.

Dooktar Abiy, abbootii qabeenyaa tola ooltotaa fi fakkeenyummaa kalaqaa Giruuppii Konistiraakshinii Oviid akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.