Fana: At a Speed of Life!

Bakkeewwan gabaa walitti dhiheenyaan xuxxuqqiin akka hin mudanneef lafa babal’aatti sirni bittaa fi gurgurtaa tahuuf hojiirra akka ooluuf hojjachaan jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiya

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Bakkeewwan gabaa walitti dhiheenyaan xuxxuqqiin akka hin mudanneef lafa babal’aatti sirni bittaa fi gurgurtaa tahuuf hojiirra akka ooluuf hojjachaan jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiya.

Biirichi taamsa’ina vaairasii koroonaa hordofee gabaa tasgabbeessu dabalatee dhiyeessirratti hojjechaa jiraachu himeera.

Haaluma kanaan dhaabbilee daldalaa gatii seeraan alaa dabalanii fi dhaabbilee saxilamummaan vaayrasichaa olaanaa ta’ e waliigalaan 4000 kan ta’an samsamuu, kanneen 5000 tahan akeekkachisuun, 157 kan ta’a ammoo dhimmi isaanii seeraan qabameera jedhan Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa obbo Dheengee Boruu.

Dhiyeessii oomisha qonnaan walqabatee midhaan kuntaala kuma 22 gabaaf akka dhiyaatee fi yuuniyenoonnis oomishaa adda baasaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataan ittisa vaayrasichaa bu’a qabeessa taasisuuf bakkeewwan babal’oon magaalotaa Oromiyaa hundatti argaman bakka gabaa akka ta’u murtaa’eera jedhan.

Akkasumaas, gabaa socho’aan hawaasni utuu manaa hin baane ittin bitatee gurgurachuu danda’u mijeesuuf hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.