Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaan dijitaalaa ijaarsaa biyyaa dhugoomsuuf gumaacha ol’aanaa qaba-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Miidiyaan dijitaalaa tokkummaa obbolummaa dhugaa jabeessuu fi ijaarsaa biyyaati dhugoomsuuf gumaacha ol’aanaa kan qabu ta’uun ibsame.

Leenjiin ogeeyyii miidiyaa hawaasaatiif mata duree”Miidiyaa diijitaalaa ijaarsa seenessa waloof” jedhuun kennamaa ture xumurameera.

Xumura waltajjichaarratti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa paartii badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan akka jedhanitti miidiyaan dijitaalaa meeshaa murteessaa tokkummaaf obbolummaa dhugaa jabeessuudha.

Akkasumaas ijaarsa biyyaa dhugoomsuuf gumaacha ol’aanaa kan qabu ta’uu dubbatanii, damee miidiyaa kanatti kanatti sirnaa fi beekumsaan fayyadamuudhaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, misooma biyyaatiifis oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ogeeyyiin leenjii kana irratti hirmaatanis leenjicha irraa barnoota akka argatan himanii, beekumsa horatan hojiitti hiikuun miidiyaa hawaasaa misooma biyyaatiif oolchuuf qophii ta’uu ibsuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.