Fana: At a Speed of Life!

Hojii tola ooltummaa Bonaan hedduun deeggarsa taasisuu eegalaniiru-Aadde Adaanech

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Waamicha tola ooltummaa taasifame simachuun abbootiin qabeenyaa gaarummaa qabanii fi dhaabbileen hedduun hojii tola ooltummaa Bonaaf deeggarsa taasisuu eegalaniiru jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Ministeera Galiiwwanii fi Komishinii Gumrukaa waliin ijaarsaa fi haaromsa manneen jiraattotaa eegalchiisaniiru.

Dhaabbileen kunneen ijaarsa isaanii yeroo gababaa keessatti akka xumuran amantaa qaban ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti Manneen ijaaraman 389 jirattotaaf akka dabarfamaniif dhaabbilee fi namoota dhuunfaa deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Hojiin tola ooltummaa Gannaa Magaalattiitti gaggeeffamaa turaan milkaa’inaan xumuramuus Aadde Adaanech beeksisaniiru

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.