Fana: At a Speed of Life!

Humni Waloo haala amansiisaan nageenya eegsisuuf karooraan hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa haala amansiisaan nageenyaa fi tasgabbii eegsisuuf karooraan hogganamuun hojjechaa jiraachuu ibse.

Humnichi Waloo ibsa FBC’f ergeen, Yaa’ii Dureewwan Gamtaa Afrikaa 37ffaa fi Walga’iin Mana Maree Raawwachiistotaa nagaan akka xumuramuuf qophii duraa barbaachisaa taasisuu beeksiseera.

Qophii barbaachisaa taasisuun gara hojiitti seenuu kan ibse Humnichi Waloo, yerochi wayita Ayyaanni Qillee fi Cuuphaa kabajaman akkasuma Yaa’iin Dureewwan Gamtaa Afrikaa itti gaggeeffaman ta’uun, nageenyaa fi tasgabbii biyyattii haala amansiisaan eegsisuuf karooraan hogganaamuun hojjechaa jiraachuu himeera.

Kana cinaattis Waamicha Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaaf taasisaniin keessummoonni gara biyyaa dhufaa jiraachuurraan nageenyaa fi tasgabbii biyyatti mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu eereera.

Fiinxaaleyyii fi shororkeesitootarratti tarkaanfii seeraa fudhachaa jiraachuu kan ibse humnichi waloo, qaamoleen nageenyaa oppireeshinii Magaalaa Finfinneetti taasisaniin gochaalee yakkaa yaadoo nageenyaa hawaasaa ta’an sadarkaa olaanaan to’achuun magaalaa nageenyi ishee mirkanaa’e uumuuf hojjechaa akka jirus kaaseera.

Fuuldurattis Yaa’ii Dureewwan Gamtaa Afrikaa gaggeeffamu dabalatee sagantaaleen amantaa fi mootummaa nagaan eegalamanii akka xumuramaniif hawaasni qaamolee nageenyaa cinaa ta’uun tumsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.

Itiyoophiyaan dureewwaan biyyoota garaagaraa fi keessummoota simachuun wayita keessummeessitu qixa itti gaafatamaa fi amantaa kennameefiin nageenya keessumootaa eegsisuu fi mirkaneessuun qaamolee nageenyaarraa kan eegamu ta’uu ibseera.

Hojii kanaan kan gitu shaakalaa gochaan deeggaramee fi qophii gahaa taasisaa jiraachuu humnichi waloo ibsa isaan akeekeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.