Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa olaanaan buna, shaayii, kuduraa fi muduraarratti xiyyeeffachuun qophiin taasifamaa jira-Dooktar Abiy

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Hanga ammaatti hojiilee gaggeeffamanirraa sadarkaa olaanaan haalaa fooyya’een buna, shaayii fi kuduraa fi muduraarratti xiyyeeffachuun qophiin taasifamaa jiraachuu Ministirri Muumme FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Baranaa biqiltuu bunaa biiliyoona 2 ol, kuduraa fi muduraa walakkaa biiliyoonaa olii fi biqiltuu shaayii miiliyoonni 400 qophaa’aa jiraachuu Doktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kan hanga ammaatti jirurra sadarkaa olaanaan haala fooyya’een Buna, Shaayee fi kuduraa fi muduraarratti xiyyeeffachuun qophiin taasifamaa jiraachuus kaasaniiru.

“Biqiltuuwwan kanneen sirnaan dhaabuun akka oomisha kennaan yoo taasisne, waliigalaan diinagdee keenyaa fi eegumsa qabeenya qilleensaarratti gaheen qabaatu olaanaa ta’a” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.