Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaarraa dhufaniif simannaan taasifamaa jira

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraataniif simannaan taasifamaa jira.

Sirna simannaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifamaa jirurratti Ministirri Ministeera Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaa argamaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waamichaa taasisaan hordofee itiyoophiyaanonnii dhalootaa 2ffaa biyyoota garaagaraa jiraatan gara biyyaa dhufaa jiru.

Waamichi moggaasa “Back to your origins” jedhuun Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaaf taasifame, marsaalee sadiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, marsaan jalqabaa Muddee 20 hanga Amajjii 30, 206tti kan turu ta’uun eerameera.

Itiyoophiyaanota waamichicha simatanii dhufaniif hir’isi gatii tikeeta balalii, hoteelotaa, dhaabbilee daawwachiistotaa taasifamuun keessummeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.